Maarqos 4:26-34
26 Yesus itti fufee, "Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti. 27 Namichi galee halkan in rafa, guyyaas in ka'a; sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas.{' '} 28 Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa. 29 Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga'eef, achumaan haamtuu itti in erga" jedhe.
30 Yesus amma immoo, "Mootummaa Waaqayyoo maalitti fakkeessinu? Yookiis isaaf fakkeenya maalii kenninu? 31 Inni akka ija sanaaficaa ti; yommuu lafatti faca'u ija biqila lafaa hundumaa irra in xinnaata. 32 Inni yommuu faca'u, biqilee in guddata, biqila hundumaa irra kan caalu ta'ee, damee gurguddaa in godhata. Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mann'ee ijaarratu" jedhe,.
33 Yesus fakkeenyota baay'ee kana fakkaataniin hamma isaan dhaggeeffachuu danda'anitti dubbicha isaanitti hime. 34 Inni fakkeenya malee isaanitti hin dubbanne, kophaatti immoo waan hundmnaa bartoota warra kan isaatiif hiike.
![]() |
![]() |
![]() |