Maatewos 13:1-9
Maatewos 13:1-9
1 Guyyaadhuma sanas Yesus manaa ba'ee ciisabishaanii bira taa'e. 2 Tuuti sonaan guddaan isa biratti walitti qabamnaan, bidiruu tokko yaabbatee barsiisuudhaaf taa'e; namoonni hundinuu immoo qarqara ciisa bishaanichaa in dhaabatu turan. 3 Yesus fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaanitti himuutti ka'e; "Kunoo, namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e. 4 Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'an, simbirroonni immoo dhufanii funaananii nyaatan. 5 Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'anis biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan. 6 Yommuu aduun itti baate garuu in coollagan; hidda gad fagoo waan hin godhatiniifis in gogan. 7 Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan. 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra bu'anii ija godhatan, iji isaaniis kaan dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa soddoma ta'e. 9 Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu!" jedhe.gurra isaaniitiinis in dhaga'u turan; yaada garaa isaaniitiinis in hubatu,
![]() |
![]() |
![]() |