20.

Jireenyaaf hundee hojjechuu (qopheessuu)

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Maatewos 7:24-27

Maatewos  7:24-27

24 Yesus, "Egaa namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. 25 Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, manasanatti bu'an; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne. 26 Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hin hojjenne hundinuu garuu, nama gowwaa mana isaa hundee malee lafa cirrachaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. 27 Bokkaan roobee, lolaan lola'ee, qilleensis qilleensa'ee, mana sanatti bu'an; manichis in jige; jiguun isaas badduu baasa ta'e" jedhe.

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi