19.

Ani waa'ee wantootaa maalan dubbadha?

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Maatewos 12:33-37

33 Yesus itti fufee, "Muka gaarii qabaadhaa, iji isaas gaarii in ta'a; yookii immoo muka gadhee qabaadhaa, iji isaas gadhee in ta'a; mukti ija isaatiin in beekama. 34 isin ijoollee mar'ataa! Ofii keessanii hamoota erga taatanii, attamitti gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaan namaa keessa guute afaan dubbata. 35 Namni gaariin gaarummaa garaa isaa keessaa waan gaarii in baasa; namni hamaanis hammina garaa isaa keessaa waan hamaa in baasa. 36 Ani isinittan hima, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba'e hundumaatti gaafatamanii'; guyyaa firdiitti deebii deebisuuf jiru. 37 Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama" jedhe.

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi