18.

Fudhatama

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Luqaas 15:11-32

11 Gaaf tokko immoo Yesus "Namni tokko ilmaan lama qaba ture. 12 Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire, 13 Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.{' '} 14 Yeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e, kanaafis baay'ee rakkate.{' '} 15 Warra biyyasii keessaa gara isa tokkoo dhaqee itti of gate; namichis waan godhu dhabnaan, booyyee haa tiksuuf lafa darabaa isaatiitti isa erge. 16 Baay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.

17 "Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a. 18 Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera; 19 si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u, hojjetoota kee keessaa akka isa tokkoo na godhadhu'" jedhaan. 20 Ka'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates. 21 Ilmi isaa garuu, 'Yaa abbaa ko, ani Waaqayyoon, sis yakkeera, si'achis ilma kee jedhamuun anaaf hin ta'u' jedheen. 22 Abbaan isaa garuu ergamtuu isaatiin, 'Dafaatii uffata isa keessaa caalu fidaatii itti uffisaa, amartii warqees quba isaatti kaa'aa, kophees miilla isaatti kaa'aa. 23 Tuntunicha isa coomaa sana fidaatii qalaa, in nyaanna in gammannas. 24 Ilmi koo kun du'eedhuma ture deebi'ee jiraate, badee ture in argames jedhe; hundumtinuus itti gammadan.

25 "Ilmi namichaa inni angafni lafa qotiisaa turee, deebi'ee manatti yommuu dhi'aate sagalee weedduutii fi kan sirbaa dhaga'e. 26 Yommus ijoollota keessaa isa tokko ofitti waamee, 'Maaltu argame?' jedhee, gaafate. 27 Gurbichi immoo deebisee, 'Obboleessa keetu deebi'ee gale; kanaafis nagaadhaa fi fayyaatti waan isa argateef, abbaan kee tuntunoo isa coomaa qalchiise' jedheen. 28 Kana irratti ilmi inni angafni aaree manatti galuu dide; abbaan isaa yommus gad itti ba'ee, ol haa galuufis guddisee isa kadhate. 29 Inni garuu deebisee abbaa isaatiin, 'Ilaa, ani waggoota kana hundumaa akka garbichaatti siif hojjechuuttan jira; takkaas abboommii kee didee hin beeku, ati immoo ilmoo reetii tokko illee hiriyoota koo wajjin akkan itti gammaduuf takkaa anaaf laattee hin beektu. 30 Amma garuu ilmi kee inni qabeenya kee hundumaa gaalamootaa wajjin fixe kun, deebi'ee dhufnaan tuntunoo coomaa isaa qalteefii?' jedhe. 31 Abbaan isaa immoo, 'Yaa ilma ko, ati yeroo hundumaa anaa wajjin as jirta, wanti ani qabu hundinuus kan keeti.{' '} 32 Amma garuu obboleessi kee kun du'ee kan ture deebi'ee waan jiraateef, badees kan ture waan argameef cidha godhachuunii fi gammaduun nuuf in ta'a' jedhee deebiseef" jedhe.


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi