16.

Gooftaan keenya eenyu?

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Luqaas 16:1-15

1 Yesus bartoota isaatiin immoo, "Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame. 2 Yommus namichi ofitti isa waamsisee, 'Waa'ee keef kanan dhaga'u kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhi'eessi! Si'achi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu' ittiin jedhe. 3 Yommus hojii adeemsiftuun sun garaa isaatti yaadee, 'Gooftaan koo hojii adeemsisuu kana keessaa yommuu na baasu, maal gochuudhaafan jira? Soqaa hin danda'u, kadhachuuf immoo nan yeella'a' jedhee of gaafate. 4 'Yommuu ani hojii kana keessaa ba'u namoonni akka ofitti na fudhataniif, amma waanan godhu beekeera' jedhe; 5 Warra gooftaan isaa gatii irraa qabu hundumaa tokko tokkoon ofitti waamee, isa duraatiin, 'Gatiin gooftaa koo maaltu si irra jira?' jennaan, 6 namichi immoo, 'Dhadhaa ejersaa huuroo dhibba' jedhee deebise. Hojii adeemsiftuunis namichaan, 'Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, taa'ii dafiitii shantama jedhii caafi'. 7 Nama kan biraa tokkoon immoo, 'Gatii hammamiitu si irra jira?" jennaan, innis,'Qamadii guuboo dhibba' jedhe. Isa kanaanis, 'Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, saddeettama jedhii caafi!' ittiin jedhe. 8 "Gooftichis hojii adeemsiftuu hin amanamne kana miliquu isaatiif in jaje; ijoolleen biyya lafa kanaa ijoollee ifaa irra kan caalu akka itti miliqanii walii wajjin jiraatan beeku. 9 Ani isinittan hima, qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!" jedhe.

10 Yesus itti fufee, "Waan baay'ee xinnoo irratti' amanamaa kan ta'e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta'a; waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta'in waan guddaa irrattis immoo amanamaa hin ta'u. 11 Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree? 12 Qabeenya biyya lafaa isa kan keessan hin ta'initti erga amanamuu dhaabaattanii, kan keessan isa ta'uuf jedhu eenyutu isiniif kenna ree? 13 Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda'u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan" jedhe.

14 Fariisonni warri horii jaallatan kana hundumaa dhaga'anii, Yesusitti ga'isan. 15 Inni garuu deebisee, "Isin namoota biratti qajeelota jedhamuu barbaaddu,Waaqayyo garuu garaa keessan keessa beeka, waan nama duratti ol fuudhame Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha. 

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi