15.

Wanta nuti qabnu

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Luqaas 16:19-31

19 Amma immoo, "Al tokko namichi sooressi tokko ture; innis uffata irraa fi jalaan dhagnatti toluu fi ijatti miidhagu gatiin isaa baay'ee kan guddate gegeddaruudhaan guyyuma guyyaatti qannootti jiraata ture. 20 Deegaan Alaazaar jedhamu, namummaan isaa guutummaatti madaa'e tokko immoo balbala kellaa isaa dura kaa'amee ture.{' '} 21 Inni achi ciisee hurraa maaddii sooressichaa irraa harca'ee gatamu illee nyaachuudhaaf in kajeela ture; saroonni immoo dhufanii madaa isaa in arraabu turan. 22 Gaaf tokko namichi deegaan sun du'ee, ergamoota Waaqayyootiin gara bukkee Abrahaamitti geeffame; sooressichis immoo du'ee awwaalames. 23 Qilillee keessaas dhiphachaa utuma jiruu ol ilaalee, Abrahaamin fagootti, Alaazaarinis bukkee isaatti arge. 24 Achumaanis, 'Yaa abbaa ko Abrahaam, naa oo'i; fiixee quba isaa bishaan cuuphee, arraba koo anaaf haa qabbaneessuufis Alaazaarin as anaaf ergi. Anoo ibidda kana keessatti dhiphachaan jira' jedhee waammate. 25 Abrahaam garuu, 'Yaa ilma ko, bara jireenya keetti carraa gaggaarii akka argatte yaadadhu; yommus Alaazaar immoo carraa gaggadhee argachaa ture. Amma garuu inni bal'inatti jira, ati immoo dhiphinatti jirta. 26 Kana hundumaa irratti immoo as gama keenyaa gara keessanitti darbuu warri barbaadan, akka hin dandeenyetti, achiis gara keenyatti akka hin ceenetti, bowwaa guddaan isaa nu gidduu jira' ittiin jedhe.

27 "Inni immoo deebisee, 'Egaa immoo yaa abbaa ko, mana abbaa kootti akka isa ergitu sin kadhadha. 28 Anoo obboloota shan qaba, isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef isaan haa akeekkachiisu' jedhe.{' '} 29 Abrahaam garuu, 'Isaan Museedhaa fi raajota qabu, isaan haa dhaggeeffatan' jedhee deebiseef. 30 Inni immoo, 'Waawuu, yaa abbaa ko Abrahaam, warra du'an keessaa tokko deebi'ee gara isaanii yoo dhaqe, yaada garaa isaanii geddaratu malee' jedhe. 31 Abrahaam immoo, 'Museedhaa fi raajota yoo dhaga'uu" dhaabaatan, warra du'an keessaa, tokko deebi'ee ka'u iyyuu dhugaa dha hin jedhan' ittiin jedhe" jedhe.


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi