Maatewos 15:1-20
1 Ergasii Fariisonnii fi barsiisonni seeraa Yerusaalemii gara Yesus dhufanii, 2 "Bartoonni kee maaliif seera muka abbaa keenyaa irra daddarbu? Isaanoo buddeena nyaachuu isaanii dura harka dhiqachuudhaan of hin qulleessan" jedhaniin. 3 Yesus deebisee, isinoo seera muka abbaa keessaniitiif jettanii, maaliif abboommii Waaqayyoo irra daddarbitu?{' '} 4 Waaqayyo, 'Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!' iddoo biraatti immoo, 'Abbaa isaa fi haadha isaa irratti hamaa kan dubbatu dhugumaan haa ajjeefamu!' jedheera.{' '} 5 Isin garuu, 'Namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin" wanti na biraa isiniif kennamuuf malee, amma Waaqayyoof kenname yoo jedhe; 6 egaa abbaa isaaf yookiis haadha isaaf ulfina kennuu isa hin barbaachisu jettu. Akkasitti seera muka abbaa keessaniitiif jettanii dubbii Waaqayyoo busheessitu. 7 Isin of hin arginee nana! Isaayaas waa'ee keessaniif raajii isaa keessatti,
8'Sabni kun afaan isaatiin ulfinaanaaf kenna,
garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;
9ana waaqessuun isaanii akkasumaan,
abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu
isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe.
10 Yesus namoota ofitti waamee, "Dubbii koo dhaga'aa hubadhaas! 11 Wanti afaan namaa lixu, xuraa'aa nama hin godhu; wanti afaan namaa keessaa ba'u garuu xuraa'aa nama godha" isaaniin jedhe.
12 Yommus bartoonni gara isaa dhufanii,"Warri Fariisotaa dubbii ati jette yommuu dhaga'an gufachuu isaanii beekteettaa?" ittiin jedhan. 13 Yesus immoo deebisee, "Biqiltuun abbaan koo inni waaqa irraa hin dhaabin hundinuu in buqqa'a. 14 Waa'ee isaanii dhiisaa! Isaan jaamota, jaamota akka isaaniis karaa in argisiisu; namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa yoo argisiise, lachuu wal-fudhatanii boolla keessa in bu'u" jedhe.
15 Phexros garuu deebisee, "Fakkeenyicha nuuf hiiki!" jedheen. 16 Yesus immoo deebisee "Isinumtuu hamma ammaatti hin hubatin jirtuu? 17 Wanti afaaniin lixu hundinuu, mar'umaanitti darbee bakkeetti akka ba'u hin qalbifattanii ree? 18 Dubbiin afaan keessaa ba'u garuu, yaada garaa namaa keessaa dhufa; isatu xuraa'aa nama godha. 19 Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba'awo, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba'uu, nama salphisuus. 20 Isaan kanatu xuraa'aa nama godha malee, harka dhiqachuudhaan utuu of hin qulleessin nyaachuun xuraa'aa nama hin godhu" jedheen.
![]() |
![]() |
![]() |