13.

Ogummaatti dhimma ba'uu

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Maatewos 25:14-30

14 Yesus itti dabalee, "Dubbiin kun akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka'ee ti; inni hojjetoota isaa waamee, horii callaa qaba ture itti kennate. 15 Akkuma akka humna isaaniitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti meetii kuma lama, isa kaanittis meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme. 16 Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si'uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate.{' '} 17 lnni meetii kuma lama fudhate immoo, meetii kuma lama buufate. 18 Namichi inni meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee meetii gooftaa isaa awwaale.

19 "Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi' ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakkaa'ate. 20 Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, 'Yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennattee turte, ilaaani immoo meetii kuma shan buufadheera' jedhe. 21 Gooftaan isaa immoo, 'Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!' jedheen. 22 Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee, 'Yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera' jedhe. 23 Gooftaan isaa immoo, 'Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!' jedheen.

24 "Namichi inni meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, 'Yaa gooftaa, ati nama gara-jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsinii walitti qabattu, ta'uu kee ani beeka. 25 Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo, ti' jedhe. 26 Gooftaan isaa garuu deebisee, 'Ati hojjetaa hamaa dhaa fi dhibaa'aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu, iddoo itti hin bittimsinii akkan walitti qabadhu, beekteetta mitii? 27 Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa'uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan, fudhadhan ture. 28 Egaa meeticha kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, isa meetii kuma kudhan qabuuf kennaa! 29 Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee in kennamaaf; kana kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama. 30 Hojjetaa isa waa'ee hin baafne kana dukkana isa alaatti darbadhaa! Achitti namoonni in boo'u ilkaanis in qaru' jedhe" isaaniin jedhe.

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi