Maarqos 10:18-27
18 Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru. 19 Abboommiin, 'Hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba'in, gowwoomsaadhaan hin fudhatin, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni! akka jedhu in beekta" jedheen. 20 Namichi immoo deebisee, "Barsiisa! Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera" jedheen. 21 Yesus ilaalee isa jaallatee, "Waan tokkotu si duraa hir'ata. Dhaqii, waan qabdu gurgurii, warra deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu'i!" jedheen. 22 Namichi kana yommuu dhaga'e qabeenya guddaa qaba waan tureef, bifni isaa geddaramee, gaddees achii adeeme.
23 Yesus yommus naannoo isaa ilaalee bartoota isaatiin, "Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!" jedhe. 24 Bartoonni isaa dubbii isaatti na'anii dinqifatan. Yesus garuu ammas, "Ijoollee! [Warri qabeenya isaanii amanatan] mootummaa Waaqayyootti galuun attam dhiphuu dha! 25 Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba'uutu salphata" jedhe.{' '} 26 Kana irratti isaan gar-malee na'anii dinqifatanii, "Egaa eenyutu fayyuu danda'a ree?" jedbaniin. 27 Yesus immoo gara isaanii ilaalee, "Namootaaf hin danda'amu, Waaqayyoof garuu akkas miti; Waaqayyoof wanti hundinuu in danda'ama" jedhe.
![]() |
![]() |
![]() |