11.
Durumayyuu an raawwadhee gaariidha
Qoodi
- Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
- Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
- Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
- Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
- Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
- Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
-
Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin
kadhatteetta?
Dubbisi
- Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
-
Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka
himuu godhaa
- Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?
Luqaas 18:9-14
9 Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti
jiraanna jedhanii, amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti,
fakkeenya kana dubbate. 10 "Jarreen lama
kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan fariisicha tokkoo fi
amicha qaraxa fuudhu tokko turan.
11 Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa
isaa keessatti, 'Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu,
jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin
ta'iniif sin galateefadha.
12 Torban keessaa guyyaa lama nan sooma;
waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa' jedhee
kadhate. 13 Inni qaraxa fuudhu sun garuu;
achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle;
qoma isaa rukutachaa, 'Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami! in
jedhee ture malee.
14 Egaa isa Farisicha sana irra namichi
qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti
akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama,
kan gad of deebisu immoo ol in qabama" jedhe.
Bal'inaan Dubbisi
Gargar baafadhu
- Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
- Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
- Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
-
Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu
gaafadhu. Jiraa?
- Amala jijjiiramuu qabu
- Waadaa Gaafatamuu qabu
- Fakkeenya hordofamuu qabu
- Abboommii eegamuu qabu
- Garee kana Qoodi