Maatewos 6:19-33
19 Yesus ammoo, "Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi aana'oon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa! 20 Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daana'oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa! 21 Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jiru hima.
22 Yesus, "Iji ibsaa dhagnaa ti; iji kee fayyaa guutuu yoo ta'e, dhagni kee hundinuu ifaa in ta'a. 23 Iji kee dhukkubsataa yoo ta'e garuu dhagni kee hundinuu dukkanaa'aa in ta'a; egaa ibsaan sitti jiru dukkana erga ta'ee, dukkanichi hammam haa guddatu ree!" jedhe .
24 Yesus itti fufee, "Eenyu iIlee gooftolii lamaaf hojjechuu hin danda'u, isa tokko jibbee isa kaan jaaIIachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha matee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.
25 "Kanaafis ani isinittan hima; waa'ee jireenya keessaniif, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif], yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda'inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree? 26 Simbirroota qilleensa keessa balali'an ilaalaa isaan hin facaasan hin haamanis gombisaattis hin galchan; garuu abbaan keessan inni waaqa irraa isaan in soora. Egaa isin immoo isaan irra guddaa hin caaltanii ree? 27 Isin keessaa namni tokko hammam yaadda'u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa2 dabalachuu kan danda'u jiraa ree? 28 Waa'ee uffataa immoo maaliif yaaddoftu ree? Mee daraaronni bakkee attamitti akka biqilanii guddatan ilaalaa! Isaan hin soqan hin fo'anis. 29 Haa ta'u iyyuu malee, Somoon mootichi inni ulfina guddaa qaba ture illee, isaan kana keessaa hamma isa tokkoo akka hin uffatin isinittan hima, 30 Egaa Waaqayyo biqiltuu har'a bakkeetti argamee, bor ibiddatti naqamutti akkana bareechee itti uffisa erga ta'ee, isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hir'atuu dha malee.
31 "Kanaafis isin 'Maal nyaanna?' yookiis 'Maal dhugna?' yookiis 'Maal uffanna?' jettanii hin yaadda'inaa! 32 Warri saba Waaqayyoo hin ta'in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru'o; isaan. kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta'an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka. 33 Duraan dursitanii yaada keessanmootummaa Waaqayyoo fi qajeelum maa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama. 34 Waa'ee boriifis hin yaadda'inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda'atao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga'a" jedhe.
![]() |
![]() |
![]() |