9.

Hiyyeessa

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Maatewos 25:33-46

33 Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re'ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba. 34 Ergasii mootichi warra mirga isaa jiraniin, 'Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa! 35 Beela'een ture, nyaata anaaf kennitaniittu; dheebodheen ture, 'dheebuu na baaftaniittu; orman ture, akka mana keessaniitti na simtaniittu. 36 Qullaa koo ta'een ture; daara na baaftaniittu; dhukkubsadheen ture, na gaafattaniittu; hidhameen ture gara koo dhuftaniittu' jedhe.

37 "Ergasii warri qajeelonni deebisanii, 'Gooftaa! Yoom beela'uu kee arginee, nyaata siif kennine? Yookiis yoom dheebochuu kee arginee, dheebuu si baafne?† 38 Yoom orma ta'uu kee arginee, akka nama keenyaatti si simne? Yookiis yoom qullaa ta'uu kee arginee, daara sif baafne? 39 Yoom dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, gara kee dhufne?" jedhaniin. 40 Mootichi immoo deebisee, 'Ani dhuguman isinitti hima, obboloota koo warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof hammi isin gootan, anaaf gootan' isaaniin jedhe.

41 "Ergasii mootichi namoota bitaa isaa jiraniin, 'Isin abaaramoo, nana na biraa adeemaa! Gara ibidda bara baraa isa Seexanaa fi ergamoota Seexanaatiif qophaa'e dhaqaa'! 42 Ani beela'een ture, isin nyaata anaaf hin kennine; dheebodheen ture, isin dheebuu ana hin baafne. 43 Orman ture, isin akka nama keessaniitti ana hin simne; qullaa koo ta'een ture, isinis daara ana hin baafne; dhukkubsadheen ture, hidhameen tures, isinis ana hin dubbifne' in jedha.

44 "Isaanis deebisanii, 'Gooftaa! 'Yoom beela'uu kee, dheebochuu kee, orma ta'uu kee, qullaa ta'uu kee, dhukkubsachuu kee yookiis hidhamuu kee arginee, siif hojjechuu dhiifne?' jedhanii in gaafatu. 45 Yommus mootichi deebisee, 'Ani dhuguman isinitti hima, warra hundumaa irra gad deebi'an kana keessaa isa tokkoof kan hin godhin anaafis hin goone' isaaniin jedhe. 46 Isaan gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu" jedhe.


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi