8.

Akka itti waldhabdee furan

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Maatewos 5:21-26

21 Yesus itti fufee, '''Hin ajjeesiin, namni yoo nama ajjeese abboota firdii duratti itti in faradama' jedhamee warra duriitti akka himame dhageessaniittu. 22 Ani garuu isinittan hima, eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin 'Doofaa' yoo jedhe yaa'ii biyya seerraatu duratti itti in, faradama; obboleessa isaatiin 'Raatuu' yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama.

23 "Kennaa aarsaa, dhi'eessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleess akka waa yakkitee yaada isaa miite, sitti in yaadatama ta'a. 24 Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebi'ii kennaaaarsaa, kee dhi'eessi!

25 "Nama waan ittiin si hadheessu qabuu wajjin gara yaa'iitti utuu adeemtuu dafii isa firoomfadhu; kanaa achi inni si hadheessu sun abbaa firdiitti si kennata, abbaan firdii immoo eegduu mana hidhaatti si kenna, mana hidhaattis in galfamta. 26 Egaa gatii si irra jiru hundumaal of irraa hamma badduu baaftutti, matumaa mana, hidhaa sana keessaa akka ati hin baane dhuguman sitti hima" jedhe.

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi