Luqaas 6:27-36
27 Yesus itti fufee, Ani garuu isin warra na dhageessaniin, diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. 28 Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa! 29 Namni maddii kee gara tokko yoo si kabale, isa gara kaaniis itti qabi! Namni kootii kee yoo si iraa fudhate, qomee kee iyyuu isa hin dhowwatin! 30 Abbuma si kadhateef kenni, qabeenya kee isa si duraa fudhates, naa deebisi jettee, hin gaafatin! 31 Namoonni akka isinii godhaniif kan jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa! 32 Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu warra isaan jaallatan in jaallatu. 33 Warra gaarii isiniiif godhan duwwaadhaaf gaarii yoo gootan, galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu akkasuma in godhu. 34 Warra isinii baasan duwwaadhaaf yoo liqeessitan galanni keessan maali ree? Warri hin amanne iyyuu isuma liqeessan deebisanii argachuudhaaf cubbamoota akka isaaniif in liqeessu. 35 Isin garuu diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa, nuuf baasu jettanii utuu hin abdatinis liqeessaa! Gatiin keessan guddaa in ta'a, ijoollee aabbaas in taatu; innoo warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha. 36 Abbaan keessan oo'a-qabeessa akka ta'e isinis oo'a-qabeeyyii ta'aa!" jedhe.
![]() |
![]() |
![]() |