5.

Murtoo jalaa bilisa ba'uu

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Yohannis 8:3-11

3 Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko ol galchanii, namoota gidduu dhaabachiisan. 4 Yesusiin immoo, "Barsiisaa, dubartiin kun utuu ejjituu qabamte. 5 Museen seera keessatti, dubartoota akkasii dhagaadhaan rukunnee akka ajjeefnu nu abboomeera; egaa ati immoo maal jetta?" jedhan. 6 Isaan kanaan qabanii isa hadheessuudhaaf akkas jedhanii isa qoran; Yesus garuu gad-jedhee quba isaatiin lafatti caafe. 7 Isaan garuu ittuma dabalanii waan isa gaafataniif, Yesus ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne, duraan dursee dubartii kanatti dhagaa haa darbatu" isaaniin jedhe. 8 Kana booddee ammas gad jedhee lafatti caafe. 9 Isaan kana dhaga'anii, jaarsoliidhaa hamma warra kaaniitti tokko tokkoon ba'anii adeeman; Yesusin kophaatti dhiisan; dubartittiinis achuma dhaabattee hafte.{' '} 10 Yommus Yesus ol jedhee, "Dubartii nana, meerree isaan? Namni tokko illee firdii si irratti hin raawwannee?" isheedhaan jedhe. 11 Isheen immoo, "Tokko illee, gooftaa ko" jettee deebifteef; kana irratti Yesus, "Egaa anis sitti hin faradu, dhaqi ammaa jalqabdee cubbuu hin hojjetin!" isheedhaan jedhe.]

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi