4.

Akka itti namoota kaan qabachuu (kunuunsuu) qabnu

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Luqaas 10:29-37

29 Barsiisichi seeraa garuu, nama qajeelaa of gochuu barbaadee, "Nama isa kam?" jedhee Yesusin gaafate. 30 Yesus immoo deebiseefii, "Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad bu'uu, warra saamtuu afaan bu'e; uffata isaas isa irraa baafatanii, erga reebanii isa butuchanii, du'aa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman. 31 Lubni tokko karaa sana utuu darbuu, namicha yommuu lafatti arge irraa goree darbe. 32 Akkasumas namni gosa Lewwii tokko, iddoo sana dhufee yommuu isa arge, irraa goree darbe. 33 Namni Samaariyaa tokko garuu, utuu karaa adeemuu achi ga'ee, yommuu isa arge in oo'eef. 34 Itti dhi'aatees, madaa isaa dibataan mucuceessee, daadhii wayniis itti naqee erga hidheefii, horii ofii isaatii yaabee adeemaa ture irra teessisee, mana buufata keessummaatti isa geesse; achittis isa gargaare. 35 Borumtaas meetii lama fuudhee, isa buufata keessummaa sana eegutti kennee, 'Hadaraa ittiin wal'aani; kana irra caalaa yoo baaftes, yommuun deebi'u siifan kenna' ittiin jedhe" jedhe.

36 Yesus itti fufee, "Egaa jarreen sadan kana keessaa, isa kamtu namicha warra saamtuu afaan bu'e kana akka ofii isaatiitti ilaale sitti fakkaata?" jedhee gaafate. 37 Barsiisaan seeraa sun immoo deebisee "Isa oo'eef' jedhe; Yesus immoo, "Atis dhaqii, akkasuma godhi!" ittiin jedhe.

 


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi