2.

Akka itti walmadaalchisuu irraa bilisa taanu

Qoodi
  1. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  2. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Luqaas 18:9-17

9 Yesus namoota warra ofii qajeelummaatti jiraanna jedhanii, amanatanii, warra kaan hundumaa immoo tuffatanitti, fakkeenya kana dubbate. 10 "Jarreen lama kadhachuudhaaf mana qulqullummaatti ol galan; isaan fariisicha tokkoo fi amicha qaraxa fuudhu tokko turan. 11 Fariisichi fuula dura dhaabatee garaa isaa keessatti, 'Yaa Waaqayyo, akka namoota warra kaanii, warra saamtuu, jal'oota, ejjitoota yookiis akka qaraxxuu kanaa iyyuu waanan hin ta'iniif sin galateefadha. 12 Torban keessaa guyyaa lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko nan baasa' jedhee kadhate. 13 Inni qaraxa fuudhu sun garuu; achi fagaatee dhaabatee, ija isaan illee gara waaqaatti ol hin ilaalle; qoma isaa rukutachaa, 'Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami! in jedhee ture malee. 14 Egaa isa Farisicha sana irra namichi qaraxa fuudhu kun Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee, gara mana isaatti akka deebi'e, isinittan hima; kan ol of qabu hundinuu gad in deebifama, kan gad of deebisu immoo ol in qabama" jedhe.

15 Yesus harka isaa akka isaan irra kaa'uuf, namoonni mucooliis immoo gara isaa in fidu turan; bartoonni kana yommuu argan, ifatanii isaan dhowwan. 16 Yesus garuu mucoolii sana ofitti waamee, "Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'awo. 17 Dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu" jedhe.


Bal'inaan Dubbisi

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi