Wantoota barbaachisan kana hundumaa irratti walii walii keenyaaf kadhachuun gaariidha.
Gaaffii Ijoo: Haala baay’ee ulfaataa fakkaatu keessatti Jireenya Kristiyaanummaa akkamittiin jiraachuu dandeenya?
Ibsa: Jabina ofii keenyaatiin jireenya Waaqayyo barbaadu jiraachuu hin dandeenyu; Garuu karaa gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin jireenya Waaqayyo nurraa barbaadu jiraachuuf humna (jabina) arganna.
Guduunfaa:
Humna Hafuura Qulqulluutiin nuuf kennamu irratti hirkachuun, jireenya Waaqayyo nurraa barbaaduu fi isa gammachiisu jiraachuu ni dandeenya. Jireenya kana jabina keenyaan yoo yaalle, ija godhachuu, jireenya Waaqayyo nurraa barbaadus jiraachuu hin dandeenyu. Kanaaf guyyaa hundumaa Hafuura Qulqulluutti hirkachuu, irratti of gatuus qabna.
Akkuma jalqabaa kaasnee baranne, fakkeenyi baay’ee nu gargaaaru hafuura baafachuu (harganuudha). Akkuma Oksiijiinii (qilleensa qulqulluu) gara keessaatti, Kaarboondaaayoksaayidii (qilleensa gubataa) immoo gara alaatti hargannu, jireenyi hafuuraas hargansuudha. Hargansuun hafuuraa akka kana: cubbuu keenya himachuudhaan (torbeewwan darban keessa ilaallee turre) gara alaatti harganna; humna Hafuura Qulqulluu irraa argamutti of kennuun gara keessaatti harganna. Yeroo hundumaa kana yoo goote jireenya Waaqayyo sirraa barbaadu jiraachuu in dandeessa.
Wanti baay’ee barbaachisaan isa baranne akkamitti akka hojiirra oolchinudha. Kana raawwachuudhaaf tokko tokkoon keenya wal gargaaruu qabna. Gaaffileen kun nu fayyaduu danda’u:
Maxxansaaf qajeelfama buusuu
firststepswithgod.com/gaz/print/7
![]() |
![]() |
![]() |