6.

Hafuura Qulqulluun eenyudha?

Keessa Deebii
  1. Torbee kana akka galateeffattu kan si godhan maal fa’aa?
  2. Waanti si rakkise maalidha? Akkamittiin si gargaaruu dandeenya?
  3. Hawaasa/Mooraa/mana baruumsaa keenya keessatti maaltu barbaachisa jettee yaadda?

 

Wantoota barbaachisan kana hundumaa irratti walii walii keenyaaf kadhachuun gaariidha.

  1. Qo’annaa torbee darbee akkamitti hojiirra oolchite?
  2. Seenicha eenyu fa’aaf hirtee? Deebiin isaaniihoo maal ture?
Xiyyeeffannoo

Gaaffii Ijoo: Torbeewwan darban wanti waliin haasa’aa turre hundi akka nuuf galuu fi itti jiraannu kan nu gargaaru eenyudha?

Ibsa: Hafuurri Qulqulluun nu gargaaruudhaaf, akkasumas jireenya Kiristiyaanummaa akka jiraannuuf yeroo hundumaa nu wajjin jira.

Yohannis 14:15-27

 

15 Yesus itti fufee, Isin yoo na jaallattan abboommota koo in eegdu.  16 Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna.  17 Inni isiniif dubbatu kun, hafuura dhugaa ti; biyyi lafaa waan isa hin argineef isa hin beekneefis, isa fudhachuu hin danda'u. Isin garuu, inni isinii wajjin waan turuuf, isin keessas waan jiraatuuf isa beekuuf jirtu.  18 Ani kophaatti is in hin dhiisu, gara keessan nan dhufa.  19 Yeroo gabaabduu booddee biyyi lafaa deebi'ee ana hin argu, isin garuu ani waanan jiraadhuuf, isinis immoo jiraachuuf waan jirtaniif na argitu.  20 Gaafas ani abbaa koo keessa, isin immoo ana keessa, anis isin keessa akkan jiru beekuuf jirtu.  21 Namni abboommii koo qabu, inni isa raawwatus, isa kan na jaallatu; nama na jaallatu immoo abbaan koo isa jaallachuuf jira, anis isa nan jaalladha, ofii koos isatti mul'isuufan jira jedhe.

22 Yihudaa nama biyya Keriyot utuu hin ta'in, Yihudaa inni tokko, Gooftaa, attamitti ati biyya lafaatti utuu hin ta'in nutti of mul'ifta ree? ittiin jedhe.  23 Yesus deebisee, Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata, abbaan koo immoo isa in jaallata; nuyis isa bira in dhufna, iddoo jireenyaas isa bira in godhanna.  24 Namni ana hin jaallanne immoo dubbii koo hundumaa hin raawwatu, dubbiin isin dhageessan kunis kan abbicha isa na ergee ti malee, kan koo miti jedheen.

25 Yesus ammoo, Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera.  26 Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.  27 Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!

 

 
  1. Kutaa kana keessaa wanti siif hiika qabuu jira?
  2. Hubachuudhaaf wanti sitti ulfaate tureeyyu?
  3. Kutaan har’aa waa’ee Waaqayyoo maal nutti hima? Waa’ee namootaa hoo? Waa’ee walitti dhufeenya Waaqayyo nu wajjin qabuuhoo?
  4. Kutaan kun akkamitti gaaffii sana wajjin wal qabata jettee jettee yaadda: "Torbeewwan darban wanti waliin haasa’aa turre hundi akka nuuf galuu fi itti jiraannu kan nu gargaaru eenyudha?"
  5. Waa’ee kutaa kanaa yaada yookiin gaaffii qabda?
  6. Wanta har’a baranne akkamittiin ibsita (guduunfita)?
  7. Wanti yeroo Kutaan kun barreeffame ta’aa turee fi wanti amma hawaasa, maatii fi hiriyoota keenya gidduutti ta’aa jiru faana wal fakkaataadha?

Guduunfaa:

 

Hafuurri Qulqulluun karaa Waaqayyo akka jireenya Kristyaanummaa hubannuu fi itti jiraachuu dandeenyu nu gargaarudha. Hafuurri Qulqulluun yeroo hundumaa nu wajjin ta’uudhaan waan Waaqayyo nu barsiise nu yaadachiisa; Nu wajjin jiraachuu Waaqayyoos nuuf mirkaneessa.

Hojiirra Oolchuu (Raawwachuu)

Wanti baay’ee barbaachisaan isa baranne akkamitti akka hojiirra oolchinudha. Kana raawwachuudhaaf tokko tokkoon keenya wal gargaaruu qabna. Gaaffileen kun nu fayyaduu danda’u:

  1. Kun akkamittiin ta’uu danda’aa yookiin geeddaruumsa kana akkamittiin jiraatta? Waaqayyo wajjin, ofiikeefi warra kaan faana akkamittiin jiraatta?
  2. Marii torbee kanaa booda jireenya kee keessatti maal raawwatta? Akkamittiin jijjiirama kana fiduu dandeessa?
  3. Wanta torbee kana baranne eenyu faana hirmaatta (haasofta)? Waa’ee maalii hirmaatta?

 

Torbee dhuftu keessatti, kutaalee dabalataa kana yeroo fudhadhuutii ilaali.

Galaatiyaa 5:16-26

 

16 Ani garuu, Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa! nan jedha.  17 Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu.  18 Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan.

19 Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii,  20 waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu,  21 weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima.

22 Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,  23 garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.  24 Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.  25 Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.  26 Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaaftuu ta'uu in dhiifnaa!

 

 

Efesoon 5:15-18

 

15 Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa!  16 Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!  17 Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa!  18 Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!

 

 

Qorontos Isa Duraa 2:9-3:3

 

9 Caaffata qulqullaa'oo keessatti,
†  Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse,
† iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye,
† yaadni namaas bira hin geenye in jedha.

10 Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul'se; hafuurri qulqulluun waan hundmaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga'a.  11 Waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee, namni biraa beekuu hin danda'u; akkasumas hafuura Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.  12 Ammas nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne.

13 Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbannu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.  14 Namni hafuuricha hin argatin, kennaa hafuura Waaqayyoo hin fudhatu; kennaan sun isatti gowwummaa dha. Kennicha gargar baasee shallaguudhaaf iyyuu hafuuricha qabaachuu waan barbaachisuuf, isa hubachuu hin danda'u.  15 Namni hafuuraa waan hundumaa shallaga, isa garuu namni tokko iyyuu hin shallagu.  16 Caaffanni qulqullaa'aan,

†Eenyutu yaada gooftichaa beeka? Eenyutus isa gorsuu danda'a? jedha.

†Nuyi garuu yaada Kristos qabna.
 

1 Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye.  2 Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu.  3 Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree?

 

 

 

Maxxansaaf  qajeelfama buusuu
firststepswithgod.com/gaz/print/6