Wantoota barbaachisan kana hundumaa irratti walii walii keenyaaf kadhachuun gaariidha.
Gaaffii Ijoo: Walitti dhufeenya Yesuus wajjin qabnutti guddachuu akkamitti itti fufuu dandeenya?
Ibsa: Walitti dhufeenya kamiyyuu keessatti waliin haasa’uun furtuudha. Waaqayyo nu wajjin haasa’uu ni barbaada; nutis isa wajjin haasa’uu qabna.
Hojii Ergamootaa 2:42-47
42 Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan. 43 Dinqiinii fi milikkinni baay'een harka ergamootaatiin in godhamu, namoonni hundinuus Waaqayyoon in sodaatu turan. 44 Kan amanan hundinuu walii wajjin iddoodhuma tokko turan, kan isaan qaban hundinuus qixxee ture. 45 Araddaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gurguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti in hiru turan. 46 Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqullummaatti deddeebi'anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga'anii in nyaatu turan. 47 Isaan Waaqayyoon in galateeffatan, saba hundumaa durattis ayyaana argatan; gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale.
Guduunfaa:
Kadhannaadhaan Waaqayyotti dubbachuun, Karaa Macaafa Qulqulluu fi Kristiyaanota wajjin walitti qabamuun isa dhaga’uudhaan walitti dhufeenya Yesuus wajjin qabnutti guddachuu dandeenya. Akkasitti sirriitti isa beekuus ni dandeenya.
Wanti baay’ee barbaachisaan isa baranne akkamitti akka hojiirra oolchinudha. Kana raawwachuudhaaf tokko tokkoon keenya wal gargaaruu qabna. Gaaffileen kun nu fayyaduu danda’u:
Maxxansaaf qajeelfama buusuu
firststepswithgod.com/gaz/print/5
![]() |
![]() |
![]() |