Wantoota barbaachisan kana hundumaa irratti walii walii keenyaaf kadhachuun gaariidha.
Gaaffii Ijoo: Namni Yesuusiin fudhate (amane) Waaqayyo wajjin bara baraan akka turu (jiraatu) akkamitti beekuu danda’a?
Ibsa: Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya sirrii qabaachuu kee beekuu ni dandeessa.
Yohannis 10:7-30
7 Yesus ammas Dhuguma, dhuguman isinitti hima, ana balballi hoolotaa! 8 Warri na dura dhufanii karaa biraatiin lixan hundinuu hattuu dha, saamtuu dhas; hoolonni garuu isaaniif hin dhageenye. 9 Balbalichi ana, inni anaan ol galu in fayya; ol in gala, gadis in ba'a, dheedichas in argata. 10 Hattuun, waan biraaf utuu hin ta'in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; ani garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera jedhe. 11 Yesus, Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna. 12 Tiksee dhugaa utuu hin ta'in bitamee kan eegu, hoolonnis kan isaa kan hin ta'in, yeeyyiin hoolotatti dhufuu yommuu argu, hoolota dhiisee in baqata; yeeyyiinis hoolota butatee, warra hafan in bittimsa. 13 Namichi sun bitamee waan eeguuf, hoolotaaf hin dhimmu. 14 Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku. 15 Abbaan akkuma ana beeku, anis akkuman abbaa beeku, anii fi hoolonni koo wal beekna; lubbuu koos hoolotaaf nan kenna. 16 Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in ta'a, sagalee koos in dhaga'u; walitti karra tokko in ta'u, tikseen isaaniis tokko in ta'a. 17 Lubbuu koo deebisee fudhachuudhaaf dabarsee waanan kennuuf, abbaan koo na jaallata. 18 Homtinuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu anumatu ofii kootiin kenna malee. Ani lubbuu koo dabarsee kennuudhaaf, ammoo deebisee fudhachuudhaaf aboo qaba; abboommii kana immoo abbaa koo biraan fudhadhe jedhe. 19 Sababii dubbii kana hundumaatiif Yihudoonni ammas yaadaan gargar ba'an. 20 Baay'een isaanii, Hafuura hammaatu isa keessa jira, qalbiis dabarseera maaliif isa dhaggeeffattu? jedhan. 21 Kaan immoo, Namni hafuurri hamaan keessa jiru, dubbii akkanaa dubbachuu hin danda'u; hafuurri hamaan ija warra jaamaa banuu danda'aa ree? in jedhu turan. 22 Yommus Yerusaalemitti ayyaanni seenaa mana qulqullummaa eebbisuu in ayyaaneffama ture; yeroon isaas yeroo gannaa ture. 23 Yesus immoo mana qulqullummaa keessa kutaa Gardaafoo Solomoon jedhamu, jala in deddeebi'a ture. 24 Yommus warri Yihudootaa isatti naanna'anii, Ati hamma yoomiitti garaa keenya rarraafta? Masiihicha yoo taate keessaa baasii nutti himi! ittiin jedhan. 25 Kana irratti Yesus deebisee, Ani isinitti himeera, isin immoo hin amantan, hojiin ani maqaa abbaa kootiin hojjedhu hundinuu anaaf dhugaa in ba'u. 26 Isin garuu hoolota koo keessaa waan hin ta'iniif, hin amantan. 27 Hoolonni koo sagalee koo in dhaga'u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu'u. 28 Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu. 29 Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u. 30 Abbaanii fi ani tokko isaaniin jedhe.
Guduunfaa:
Yohannis Isa Duraa 5:11-13
11 Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama. 12 Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu. 13 Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.
Tiksee gaarii inni ta’e Yesuus, cuubbuu keenyaaf fannoo irratti lubbuusaa aarsaa godhe. Yeroo amantii keenya Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus irra godhannu, hoolota isaa warra isa duukaa bu’an taana. Inni jireenya bara baraa isa eenyuyyuu nu duraa fudhachuu hin dandeenye qabaachuu keenya akka beeknu barbaada. Yesuus jireenya kee keessatti akka fudhatte ni beekta? Ati dhugumaan jireenya bara baraa akka qabdu sirriitti ni beekta?
Wanti baay’ee barbaachisaan isa baranne akkamitti akka hojiirra oolchinudha. Kana raawwachuudhaaf tokko tokkoon keenya wal gargaaruu qabna. Gaaffileen kun nu fayyaduu danda’u:
Maxxansaaf qajeelfama buusuu
firststepswithgod.com/gaz/print/2
![]() |
![]() |
![]() |