Imala kee tolfadhu. Amantii jechuun hawaasa jiran keessatti kan jiraatamudha. Imala Tokkoffaa akkuma xumurteen, dubbisa Macaafa Qulqulluu barbaadde yeroo dubbistu qabxiileen si gargaaruu danda'an kunooti.
Qoodi
- Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
- Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
- Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
- Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
- Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
- Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
- Namootni ati kunuunsaa jirtuu akkam? Maaltu baay'ee isaan gargaara?
- Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
- Namoota sanaaf kadhadhu
Dubbisi
\
- Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
- Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
- Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?
Dubbisa Macaafa Qulqulluu Filadhu
Gargar baafadhu
- Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
- Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
- Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
- Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
- Amala jijjiiramuu qabu
- Waadaa Gaafatamuu qabu
- Fakkeenya hordofamuu qabu
- Abboommii eegamuu qabu
- Garee kana Qoodi