Murtoowwan jireenya keenya keessatti baay’ee barbaachisoo ta’an namoota baay’ee nuuf bu’aa qabaniin ayyaaneffama (Kabajama). Murteen Yesuus duukaa bu’uu Cuuphaadhaan ayyaaneffama (kabajama).
Inni waa’ee barbaachisummaa Cuuphaa Haasawaa 10: Jireeyna Haaraa keessatti dubbateera.
Sirna Cuuphaa bakka maatii, hiriyootaa fi hawaasa kee irratti affeeruu dandeessutti maaliif hin qindeessitu? Inni kun barbaachisummaa sirni Cuuphaa qabu akkasumas hiriyoota kee warra Yesuus hin ammanneef carraa gaarii qopheessa.
Suur-Sagaleen kun akkaataa Yesuus ittiin dibamee ture agarsiisa.
Gaaffilee fi qabxiileen armaan gadii sirna cuuphaa gaggeessuu keessatti si gargaaruu danda’u:
- Eenyuun irratti affeeruu barbaadda?
- Namootni kun akka dhufaniif yeroon isaanitti mijatu yoom?
- Namoota kana bakka kamtu isaanitti tola?
- Bishaan Cuuphaaf ta’u eesssaa argatta? Kuufama bishaaniiti? Garbadhaa? Boolla Cuuphaati? Gabatee bishaaniiti?
- Eenyu akka si cuuphuu barbaadda? Hiriyaan kee inni Imala Amantii wajjin hirmaattan hoo?
- Cuuphamuu keen dura, jireenya hafuuraa kee keessaa garee si wajjin jiranitti himuu dandeessa. Wanta dubbachuu barbaadde waraqaa irratti yoo barreessitu sigammachiisuu mala.
- Waa’ee barbaachisummaa Cuuphaa namootni kaan akka ibsan (irratti haasa’an) ni barbaadda?
- Macaafni Qulqulluun, namoota “Maqaa Abaatiin, kan Ilmatiin fi kan Hafuura Qulqulluutiin” akka cuuphuu qabnu dubbata.
- Cuuphaa booddee uffata jijjiirraa fi ittiin qoorfattu qabachuu dabdeessa.
- Nyaata affeeruu ni barbaadda? Gosa kam?
- Hiriyootni kee waa’ee Cuuphaa maal akka yaadan akkammitti hubachuu dandeessa? Isaan kamtu Waa’ee Yesuus baruuf baay’ee barbaada?