Maatewos 6:9-15
9"Egaa yommuu kadhattan, 'Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa!
10mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u,
akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u!
11Soora har'aa bor nu barbaachisu "har'a nuuf kenni!
12Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!
13Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee;
[mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti.
Ameen!] jedhaa!
14 "Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. 15 Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu" jedhe .
Du’uu fi du’aa ka’uun Yesuus cubbuu namootaaf kan kaffalame ta’ullee, cubbuun battalumatti dhiifama jechuu miti. Dhiifama nuti fudhachuu dandeenyu Yesuus haalaan nuuf mijeesseera.
Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf, waan lama gochuu qabna:
Waaqayyo yeroo dhiifama nuuf godhu, Yesuus waan nuuf dhiphateef, waan nuuf du’eef cubbuu keenya deebisee nutti hin lakkaa’u. Nuti akka bilisa taanuuf, adaba cubbuu keenyaa isa ittiin dhiphachuun nuuf malu ofiisaa fudhate. Dhugaan jiru kana, nuti warra balleessaa qaban yoo taanellee, Waaqayyo lammata balleessaa keenyaaf nun kaffalchiisu; dhiifama nuuf godha malee. Hamoota taanee otoo jirruu, Waaqayyoon qajeelota jedhamneerra. Kunimmoo, Waaqayyo wajjin tokkummaa badee ture deebinee argachuuf bu’uuradha. Akkam Ayyaanomuudha!
Yeroo nuti namoota nu miidhaniif dhiifama goonu, wanta raawwate ni irraanfanna, ni ganna yookiin ni dhabamsiisna jechuu miti; ni dhiisna malee. “Dhiifama gochuun,” wanta ta’e guutummaatti dhiisuudha. Wanta itti miidhamne Waaqayyoof dhiisuu qabna, inni waan godhu beeka. Yeroo nuti nama tokkoof dhiifama goonu, waan hundumaas Waaqayyo irratti dhiisne, nuu fi nama sana gidduutti walitti dhufeenyi qabnu ba’aa cubbuurraa bilisa taana. Haaloo yookiin ijaa ba’uun nurraa hin eegamu. Kanaa mannaa ba’aarraa bilisa taanee, nama san wajjin nagaadhaan jiraachuutu nurraa eegama; Yakkichi nu gidduudhaa badeera waan ta’eef.
![]() |
![]() |
![]() |