Qoodi
- Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
- Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
- Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
- Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
- Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
- Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
- Namootni ati kunuunsaa jirtuu akkam? Maaltu baay'ee isaan gargaara?
- Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
- Namoota sanaaf kadhadhu
FIILMII GOOFTAA YESUUS
Fiilmii GOOFTAA YESUUS ilaalaa (Asitti ni argattu jesusfilm.org/watch.html )
Fiilmiin kun jireenya, barnootaa fi dhiphina Gooftaa Yesuus sirriitti ibsa. Fiilmii kana ilaaluuf karaa sadii murteessuu dandeessa:
- Akka Fiilmii Seenessaatti: inn kun wanti fiilmiii kana irratti agarsiifamu seenaa waggoota 2000 dura ta’e, kan yeroo ammaa homaa waa’ee hin baafne ta’a
- Akka Fayyina dhala namaatti: Akka kanaatti yaaddee fiilmii kan ailaalta yoo ta’e, Gooftaan Yesuus cubbuu ilmaan namootaa maraaf du’e, ta’ullee ani biliyoonota keessaa tokko waanan ta’eef anaan nan ilaallatu jechuu keeti.
- Akka Gatii Fayyana Kootiitti: Fiilmii kana akkasitti yaadnee yoo ilaalla ta’e, Gooftaan Yesuus anaaf dhiphate jechuun dhugumaan maaltu ta’ee akka ture nuuf gala. Fiilmiin kun guutummaatti waa’ee KEENYA akka ta’e irra deddeebi’uun hubachuu qabna. Namni tokko dhiibbaa yookiin garbummaa jallinaa jalaa na baasuuf, karaa Waaqayyootti akkan deebi’uuf bilisa na baasuuf dhiphateera. Innis Gooftaa Yesuus.
Mul’ii hagamii walitti qabaan akka ilaaltu murteessi. Mul’ii kana guutuusaa ilaaluuf, yeroo gahaa hin qabdu yoo ta’e mul’icha sa’aatii tokko irraa qabee kan jiru irratti xiyyeeffadhu. Inni kun fakkeenyota Yesuus osoo gara dhiphachuudaa fi du’uuf gara Yerusaalemitti hin ba’iin barsiisee, akkasumas dinqiiwwan inni hojjete si agarsiisu
1:15 irratti dhaabi
- Wanti Yesuus dubbate yookiin hojjete keessaa baay’ee kan si booji’e (hawwate) maalinni?
- Yesuus ergama yookiin kaayyoo isaa akkamittiin ibsee? (1:14 irra ilaali)
- Yesuus maaltu gara fuulduraatti akka isarratti raawwatu dubbate? (1:15 irraa ilaali)
1:43 irratti dhaabi
- Ilaalchi Philaaxoos Yesuus irratti qabu maal ture?
- Philaaxoos maaliif Yesuusiin adabe?
Fiilmii Booda
- Yesuus anaaf jedhee akka malee dhiphachuunsaa maal jechuudha?
RAKKOO
- Amanannaa kee harra gooftaa yesuus kiristoos irra ni godhatteettaa ?
- Torbee dhuftu haala mijataa eessatttan qabaadha laata? Muuxaannoo jireenya koo waaqa koo wajjin wal jijjiiruudhaaf akkasumas namoota biro waliin walii qooduudhaaf akkasumas isaan afeeruu dhaan akka isaan waaqa waliin hiriyyummaa eegalaniif.