Macaafa Ermiyaas Raajichaa 31:31-34
31 Kunoo, barri ani itti namoota biyya Israa'eliif, biyya Yihudaafis kakuu haaraa galu in dhufa;
32 innis sanyii kakuu isa ani abboota isaanii gargaaree biyya Gibxii yommuun baase isaaniif dhaabnaan, utuma ani gooftaa isaanii ta'ee jiruu, isaan immoo kakuu koo cabsan sanaa miti; ani Waaqayyo kana dubbadheera.
33 Kakuun inni ani bara sana Israa'eliif galuuf jiru kanatti fufee jira; ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u;
34 ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi'ee isaanitti hin lakkaa'u; isaan hundumti isaanii xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana waan beekaniif, si'achi namni tokko illee nama biyya isaatiitiin yookiis obboleessa isaatiin, 'Waaqayyoon bari!' jedhee, gorsuu hin barbaachisu" jedhe.
Macaafa Isaayaas Raajichaa 59:1-2
1 Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne;
2 yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;
Warra amanaman haa taanu. Abboommii kurananuu eeguu dandeesseettamoo itti fufiinsaan eguu dhiisuun kee sitti dhaga’ama? Seerotni kun jallina loluuf ni gargaara; garuu guutummaatti dhabamsiisuu hin danda’an. Nuti ilmaan namootaa jallina irraa adda kan hin taane, ofii keenya jijjiiruus kan hin dandeenye ta’uun dhugaa lafa jiru.
Kanaafidha Waaqayyo yeroon karaa jireenya isa haaraa akka jiru kan dubbate. Inni kun akka ta’uuf wantootni jijjiiramuu qaban jiru:
![]() |
![]() |
![]() |