3.

Lolaa Bishaanii

Qoodi
  1. Torbee kana Waaqayyo wajjin akkamitti dabarsite?
  2. Waanti akka galateeffattu si godhan maalinni?
  3. Waaqayyo maal akka si gargaaru barbaaddaa?
  4. Wanta si barbaachisu keessatti akkamitti si gargaaruu dandeenya?
  5. Walii walii keessaniif kadhadhaa
Keessa Deebii
  1. Erga walga'ii keenya yeroo darbeeti maal maal shaakalte?
  2. Namootni ati kunuunsaa jirtuu akkam? Maaltu baay'ee isaan gargaara?
  3. Shaakala Waaqayyoo namootaaf hiruu dandeesseetta? Isaan wajjin kadhatteetta?
  4. Namoota sanaaf kadhadhu
Dubbisi
  1. Dubbisicha sagalee olkaasii al-lama dubbisi
  2. Gargaarsa garichaatiin namni tokko dubbisicha jecha mataa isaatiin akka himuu godhaa
  3. Waanti haaraan dabalame yookiin hir'ate jira?

Seera Uumamaa 6:5- 7:24

5 Waaqayyo yommus, jal'inni namaa lafa irratti baay'achuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jal'aa duwwaa ta'uu isaa in arge. 6 Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaa in jibbe, guutummaa garaa isaatiinis in gadde. 7 Waaqayyo, "Nama isa ani uume lafa irraa nan haxaa'a; nama, horii qe'ee, bineensa, wanta lafa irra munyuuqu, warra qilleensa keessa balali'anis akkasuma nan godha; anoo isaan uumuu koo jibbeera" jedhe. 8 Nohi garuu Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame.

9 Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; hiddi dhaloota sanyii Nohi kanatti fufee in lakkaa'ama. 10 Ilmaan Nohi dhalche sadan Seem, Kaam, Yaafet. 11 Lafti immoo fuula Waaqayyoo duratti manca'aa ta'e, humnaan wal irratti ka'uudhaanis in guute. 12 Waaqayyo gara biyya lafaa ilaalee, kunoo, lafti akka mancaafame, uumamni foon uffate hundinuus adeemsa isaa lafa irratti akka mancaase in arge.

13 Waaqayyo yommus Nohiin, "Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga'eera; lafti humnaan wal irratti ka'uu isaaniitiin waan guuteef, ani lafa irraa isaan nan balleessa. 14 Ati muka ta'u irraa markaba tolchi, keessa isaatti kutaa kutaa baasi! Keessaa fi duubaanis leelee lafa keessaa argamuun duuchi! 15 Ati markabicha yommuu tolchitu, dheerina isaa dhundhuma dhibba sadii, bal'ina isaa dhundhuma shantama, irraan-olee isaa dhundhuma soddoma godhi! 16 Bantii markabichaas dhundhuma tokko irraa ol kaasii hojjedhu, cinaacha isaa irraan balbala itti baasi! Irraan-olee isaas iddoo sadiitti kuti! Iddoo isa jalaa, isa gidduu fi isa irra-keessaatti gargar hiri! 17 Kunoo, ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.

18 "Sii wajjin garuu kakuu nan gala; ati markabichatti in lixxa, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan kees sii wajjin in lixu. 19 Uumama foon uffatee jiraatu hundumaa keessaa sii wajjin hafanii akka jiraataniif, lama lama markabichatti galchi! Isaanis kormaa fi dhalaa haa ta'an!{' '} 20 Warra baal'eedhaan balali'an keessaa, horii qe'ee fi bineensota keessaa, warra lafa irra munyuuqan keessaas akka qomoo qomoo isaaniitti lama lama ta'anii hafanii akka jiraataniif sii wajjin markabichatti ol haa galan! 21 Wanta nyaatamu hundumaa keessaa fuudhii of biratti walitti qabii tuuli! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaaniitiif in ta'a" jedhe. 22 Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.

7:1 Waaqayyo yommus Nohiin, "Dhaloota kana keessaa, ati na duratti qajeelaa akka taate waanan argeef, ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali! 2 Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman hundumaa keessaa cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamin keessaas cimdii tokko tokko, kormaa fi dhalaa of duukaa galchi! 3 Simbirrootaa fi allaattii qilleensa keessa balali'an keessaas akkasuma cimdii torba torba, kormaa fi dhalaa galchi! Kanas sanyiin isaanii lafa irratti hafee akka jiraatuuf in goota.{' '} 4 Ani guyyaa torba booddee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkaa nan roobsa; uumama lubbuu qabu ani uume hundumaa lafa irraa nan haxaa'a!" jedhe. 5 Nohis kana hundumaa akkuma Waaqayyo isa abboometti in raawwate.

6 Yeroo bishaan badiisaa lola'ee lafa fudhate sana, Nohi nama waggaa dhibba ja'aa ture; 7 bishaan badiisaa jalaa ba'uudhaafis Nohi, haadha manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoota ilmaan isaa wajjin markabichatti in gale. 8 Horii qe'ee fi horii alaa warra akka qullaa'ootti ilaalaman, warra akka qullaa'ootti hin ilaalamne, simbirrootaa fi allaattii, waanuma lafa irra munyuuqan keessaas, 9 lama lama kormaa fi dhalaatu akkuma Waaqayyo Nohin abboometti, Nohi duukaa markabichatti gale.{' '} 10 Guyyaan torban sun erga darbanii, bishaan badiisaa lola'ee lafa in fudhate.

11 Kunis bara jireenya Nohi waggaa dhibba ja'affaa, ji'a lammaffaa, ji'icha keessaa guyyaa kudha torbaffaatti ture; gaafas burqituuwwan callabboo gurguddaa in futta'an, ittifni bishaanii bantii waaqaa keessaa in banaman. 12 Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti yandoo buuse. 13 Guyyaadhuma jedhame sanatti Nohi, haati manaa Nohi, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetis, dubartoonni ilmaan isaa, sadanis isaa wajjin markabichatti galan. 14 Isaan kun, bineensonni akka qomoo qomoo isaaniitti, horiin qe'ee akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti lafa irra munyuuqu akka qomoo qomoo isaatti, simbirroonnii fi allaattiin akka qomoo qomoo isaaniitti, wanti baal'eedhaan ka'us hundinuu, 15 uumamni foon uffatee, hafuuras qabaatee jiraatu hundinuu, lama lamaan Nohi duukaa markabichatti galan. 16 Warri achitti ol galan foon kan uffatan hundumaa keessaa kormaa fi dhalaa turan; isaan akka Waaqayyo Nohin abboomee turetti achitti galan; kana booddee dugda isaa duubaan Waaqayyo balbala in cufe.

17 Bishaan badiisaa guyyaa afurtama itti fufee lola'ee lafa in fudhate; bishaanichi lafa irra guutee, markabicha ol in fuudhe; innis lafa gararraa hamma oolutti ol ka'e. 18 Bishaanichi humna godhatee, caalchisee lafa irra in guute; markabichi immoo bishaanicha irra in adeema ture.{' '} 19 Bishaanichi lafa irratti humna godhatee, tulloota dhedheeroo guutummaa bantii waaqaa jala jiran hundumaa in dhokse. 20 Bishaanichi tulloota irra iyyuu dhundhuma kudha shan ol darbuudhaan isaan in dhokse. 21 Uumamni foon uffatee lafa irra socho'u hundinuu, simbirroonni, allaattiin, horiin qe'ee, bineensonni, munyuuqaan lafa irraa munyuuqu hundinuu, namoonni hundinuus in dhuman. 22 Wanti bakkee lafaa irra jiraatee, funyaan isaatiin hafuura baafatu hundinuu in du'e. 23 Bishaanichis wanta uumamee lafa irra jiraatu, nama, horii qe'ee, wanta munyuuqu, warra bantii waaqaa jala balali'anis hundumaa haxaa'ee in balleesse; isaan lafa irraa in haxaa'aman; Nohii fi warra isaa wajjin markabicha keessa turan duwwaatu hafe. 24 Bishaanichi guyyaa dhibbaa fi shantama irra lafaa guutee taa'e.

Gargar baafadhu
  1. Dubbisni kun si'iif maal bakka bu'a?
  2. Dubbisa kana keessaa wanti jaallatte yookiin si jeeqe maalidha?
  3. Dubbisni kun waa'ee Waaqayyoo fi waa'ee namootaa maal sitti hima?
Hojiiti Hiiki
  1. Dubbisa kanarratti hundaa'uun wantaWaaqayyo akka gootu sirraa barbaadu gaafadhu. Jiraa?
    • Amala jijjiiramuu qabu
    • Waadaa Gaafatamuu qabu
    • Fakkeenya hordofamuu qabu
    • Abboommii eegamuu qabu
  2. Garee kana Qoodi
Yaadannoo

Dhiibbaan guddaan ta’ee iddoo dhaabaa Eden keessatti ta’e, suuta suuta mul’achaa dhufe. Dhalootaa hanga dhalootaatti, jallinni dabalaa dhufe, keessattuu dhaloota kurnaffaa irratti guutummaatti jallinaan liqimfaman.

  • Dhaloota lammaffaa namootaa irratti ofittummaa, of-jaallachuu fi hammeenyi, walumaa galatti cubbuun guutamee, Qaayin obboleessa isaa isa quxisuu ajjeese. Maatii isaarraas adabamee add a ba’e.
  • Dhaloota Kurnaffaa irratti (Dhaloota Nohii), jallinni namaa baay’ee guddaa ta’eedha. Baay’ee baay’ee guddaa, hamaa yookiin jallina hojjechuu qofa amaleeffatan (Seera Uumamaa 6:11-12). Waaqayyo haala dinqii taeen gidduu galuuf murteessee, jallini lolaa bishaanii irraa akka hin hafne mirkaneessuun warra oolaniin jireenya haaraaf jalqabbii hundeesse. (Seera Uumamaa 6 fi 7)